MESMER sagantaa wagga shanii Onkoloolessa 2022 dhaabbilee interpiraayizii maayikiroo, xixiqqaa fi giddu-galeessaa 72,000 gargaaruu fi carraa hojii 410,800 interpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi giddu-galeessaaf carraa maallaqa akka argatan gochuun guddina gara fuul-duraa fi dandamannaa isaanii dhugoomsuuf jalqabamedha. Akkasumas, MESMER interpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi giddu-galeessaaf deggarsa karaa tajaajila hojii daldalaa misoomsuu, tajaajila xiinsammuu fi gargaarsa ogummaa dhaabbilee maallaqaatiif dhiyeessuuf ni hojjeta. MESMER sagantaa guutuu biyyattiitti First Consult’n michoominaan Master Card Foundation waliin hojjetudha. Kunis qaama tarsiimoo faawundeeshinichaa ‘Young Africa Works’ jedhuu ta’ee carraa hojii kabajamaa fi guutuu ta’e dargaggoota irra jireessaan dubartoota ta’aniif uumuuf tattaafatudha. Miniseerri Hojii fi Ogummaa Federaalaa qaama mootummaa sagantaa kana keesstti qooda fudhatu isa olaanaadha. Miiltoowwan sagantichaa biroon ammoo dhaabbilee maallaqaa (baankota, dhaabbilee maallaqaa maayikiroo, fi dhiyeessitoota tajaajila maallaqaa dijiitaalaa), tajaajila misooma daldalaa, fi dhiyeessitoota tajaajila xiinsammuuti.
Guddina, dandamannaa fi itti fufinsa Interpiraayizoota/dhaabbilee ka’umasaa, Maayikiroo, xixiqqaa, fi giddul-galeessaa deggeruu.
Interpiraayizootni walitti bu’iinsaan miidhaman akka bayyaannatanii fi dandamatan gargaaruu.
Baankii, dandeettii fi guddina MSME guddisuuf.
Qophii xiinsammuu fi sammuu deeggaruun, rifannoota irraa dandamachuu fi hojii daldalaa irratti deebi’anii bobba’uu
Dabtara faayinaansii tajaajila faayinaansii deebii kennuu danda’u, kalaqaa fi adda addaa MSME’f iskeeliidhaan akka kennan taasisuudhaaf
Building on this sucess, the Mastercard Foundation and First Consult present to you . . .
. . . the Micro, Small and Medium Enterprise Recovery and Resilience Program
Sagantaan MESMER sadarkaa/baqqaana sadiin bula: Kaawunsilii Gorsituu, Koree Investimantii Biyyoolessaa fi Koree Invastimantii Naannoleedha.
Kun qaama bulchiinsaa olaanaa sagantaa kanaa yoo ta’u, hojiinsaa to’annoo tarsiimowaa kennuu, qajeelchuu fi bakka bu’aa olaanaa sagantichaa ta’uudha.
Itti-gaafatamummaan koree kanaa sagantichi kaayyoleesaa jalqabaa interpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi giddu-galeessaa bayyaanachiisuu, dandamachiisuu fi guddisuu galmaan ga’uu isaa mirkaneessuudha.
Haala mijeessuu, qajeelchuu fi hojiilee naannoo isaanii hordofuun isaanirraa eeggama. Qajeelfama Kaawunsilii Gorsituu irraa dhiyaaturratti hundaa’uun, Koreen Invastimantii Naannolee naannoo hunda keessatti akka barbaachisummaa isaatti ni dhaabbatu.